ggnltitl.jpg (8122 bytes)

 

DU’A

BOODDEE

WOO?

 Kai.jpg (12692 bytes)

 "…Warri du’anii awwaalaman
sagalee isaa [Yesus]
yeroon itti dhaga’an
in dhufa…"
(Wangeela Yohannis 5:28).

 

Baayy'een keenya waa'ee du'aa yaaduu hin barbaannu. Haa ta'u iyyuu malee waan nuuf hin hafne ta'uu isaa immoo beekna. Du'a booddee hundumti keenya fuula Waaqayyoo duratti dhi'aannee firdii gara jireenya bara- baraatti yookii immoo gara badiisa bara-baraatti nu geessu argachuuf jirra. (Maatewos 25:46)

"Namoonni al tokko du'aaf
kaa'amaniiru.
Isa booddee immoo firdiitti in dhi'aatu"
(Ibroota 9:27)

Hundumti keenya gaaffii kana of gaafachuu tu nurra jira: Tokkofaan; "Amma yoon du'e fuula Waaqayyoo dura dhaabachuuf qophaa'aa dhaa?" kan jedhu yommuu ta'u; Inni lammaffaan immoo;
"Isa booddee woo, gatiin koo jireenya bara-baraati moo yookis du'a bara-baraati?" kan jedhuu dha. Gaaffii kana deebisuu irratti mamii yoo qabaanne, waa'ee dubbii kanaa cimsinee itti yaaduutu nurra jira.

"Gaaffii kana kan deebisuu danda'u Waaqayyo malee ana miti" jetta ta'a. Akka dubbii Waaqayyootti garuu karaa jireenya bara-baraa fo'achuu fi dhiisuu in dandeenya. (Yohaannis 1:12; 3:16)

"An nama hin miidhu, waan hamaa hin hojjedhu, amma naa danda’ametti immoo waan gaarii gochuu nan yaala, kanaaf gara du'a bara-baraatti wanti na geessu hin jiru", jettee in yaadda ta'a. Sagaleen (dubbiin) Waaqayyoo garuu, tolli keenya yookiis gaarummaan keenya hundinuu akka moofaa abaarsa ta'uu isaa in mul'isa. ( Isaayyaas 64:6)

Itti dabalees dubbiin Waaqayyoo akkas jedha:
"Eenyutu yaada garaa koo qulleeffadheera, cubbuu koo irraas qullaa'eera, jechuu danda'a ree? " (Fakkeennyaa 20:9). Kana jechuunis, gaarummaan jiruu keenyaa qofi, Mootummaa Waaqayyootti nu galchuuf rogaa ta'uu hin danda'u jechuu dha.

Egaa cubbamoota ta'uu keenya Waaqayyoo fi yaanni garaa keenyaa dhugaa nuu ba'u erga ta'ee, cubbuu keenya irraa kan ittiin qulloofnu karaan fayyinaa inni Waaqayyo nuuf qopheesse isa kami?

Dubbii Waaqayyoo keessaa, waa'ee fayyinaa kan mul'isan, ergaan tokko tokko kanaa gaditti in argamu:

  1. Waaqayyo hunduma keenyaaf akeeka gaarii qaba. Kan nu uume isa. Akeeki inni nuuf qabus, akeeka nui ofii keenyaaf qabnu irra kan caaluu dha.

Waaqayyoo akkana jedha:

"Yaada ani isinnif yaadee, anuma duwwaatu beeka.
Innis yaada nagaa fi yaada wanta isin gara fuula duraatti eeggattan
isiniif
raawwachuuti malee,
yaada isin balleessu miti."
.
(Ermiyaas 29:11)

  1. Waaqayyo kan nuuf qabu yaanni gaariin kun akka nuuf raawwatamu yoo barbaanne, cubbamoota ta'uu keenya amannee, qalbii didiirrannee, gara isaatti deebi'uutu nurra jira.

Dubbiin Waaqayyoo akkana jedha:

"Hundumtuu yakkaniiru, ulfinni Waaqayyos
isaanitti hir'ateera."
(Roomaa 3:23)

"Bara wallaalumaa isaanii Waaqayyo namootatti lakkaa'uu dhiiseera;
amma garuu namni hundinuu iddoo hundumaatti
yaada garaa isaa
akka geddaratu abboomeera."
(Ergamootaa 17:30)

  1. Gatiin cubbuu du'a bara-baraati. Waaqayyo garuu sababii cubbuu keenyaaf akka duunu hin barbaadu. Kanaafis karaa fayyinaa nuuf qopheesseera. Karaan fayyinaa kunis, Kristoos cubbuu kan hin qabne, nuuf jedhee qulqulluu dhiiga isaa fannoo irratti dhangalaasuu isaa fii murtii (firdii) keenya fudhatee fannoo irratti iddoo keenya du'uu isaati.

      "....otuma nui cubbamoota taanee jirruu Kristoos nuuf du'eera."    

(Roomaa 5:8)

 

  1. Duunni Kristoos fayyina mataa keenyaaf kan ta'u, "Waa'ee cubbuu kootiif du'e" jennee amannee, qalbii didiirrannee, diifama cubbuu gaafannee, Kritoosiin immoo "gara jireenya kootti gali" jennee yommuu isa simannu dha. (Yohannis 1:12; Ergamoota 3:19; Mul'ata 3:20)

"Mootummaan Waaqaa dhi'aateeraatii yaada garaa keessanii

geddarradhaa! " (Maatewos 3 :2)

 

Qalbii erga didiirratee booda akkas jedhii kadhadhu:

"Yaa Gooftaa,
cubbamaa ta'uu koo hubadheera. Qulqullummaa mataa kootiin
gara Mootummaa keetti galuu dhaaf akkan hin dandeenye hubadheera. Kanaaf yerottii kanatti
cubbuu koo hundumaa
akka anaaf dhiiftuuf sin kadhadha. Jireenya koo har'aa jalqabee
dabarseen harka keetti kennadha.
Yaa gooftaa Yesuus,
kottuu jireenya kootti gali.
Ulfina keefis akkan jiraachuu danda'uuf ana gargaari. Ameen! "

Kadhata kana erga kadhattee booda, kitaaba kana fakkaatu kan biraas itti daballee akka siif erguu dandeenyutti, teessoo kanaa gaditti argamuun yoo nuuf katabde baayye gammanna.

 

If you have questions/comments, we want to hear from you.  

webmaster@globalgoodnews.org

Global Good News Literature

P.O.Box 451336

Los Angeles, CA 90045

(C) Copyright 1996 Global Good News Literature

Top of Page

Hit your browser's "Back" button to return to Oromiffa page