ggnltitl.jpg 
(8122 bytes)

WAAQA SOBAA DHIISI!

waaqa.jpg (62183 
bytes)
     Ilmi namaa abboommii Waaqayyoo isa, "waaqayyoon Waaqa kee duwwaa waaqeffadhu" jedhu cabssuudhaan waaqayyolii tolfamaa bayy'ee waaqeffachaa akka jiru in argina. Waan nui guutummaatti abboomamnuuf yokis waan nui guutummaatti isaaf bullu hundumtuu inni nu irratti gooftataa ta'eera jechuudha. Biyya keenya keessatti baayyinni qaalluu, boorantichaa, mortu, kan warra qoricha namatti godhuu, lakkobsi isaanii dhuma hin qabu. Abaarsi nui abboota keenyaafi aadaa durii irraa dhaalle danuudha. Namoonni baay'een kristaana of in Jedhu; ganama waldaa kristaanaa deemu; galgala garuu gara qaaluu dhaqatu. Kunis waaqa biratti hojii gaddisiisaa dha.

     Abboommi kurnan Waaqayyo namootaaf kenne gidduudhaa inni jalqabaa akkana jedha; "waaqayyolii kan biraa tokko illee ana bukketti hin qabaatin." (Seera Ba'uu 20:3). Namoota seera Waaqayyoo kana cabsanii waaqoyyolii tolfamaa harka galaniif, Waaqayyo akkana jedhee dubbata; "Namni anaaf amanamuu dhiisee, eker-dubbiftuu duukaa bu'uudhaaf, gara warra ekeraa dubbisan kanaatti yoo garagale, ani isatti nan garagala; Saba isaa keessaas isa nan balleessa." (Seera Lewwootaa 20:6).

     Akkanumas "Namni hooda dubbatu, nomni duumessa ilaalee ayyaana hedu, beekaan, namni qoricha namatti godhu tokko illee si keessatti hin argamin. Namni nama dawwesu, namni ekeraa dubbisu, qaalluun yokiis, namni warra du'an waamu, si keessatti hin argamin. Eenyullee kana yoo godhe, Waaqayyo duratti ciiga'amaa in ta'a." jedha (Seera Keessa Deebii 18:10-12).

     Waaqayyo akka bifa isaatti, akka fakkenya isaattis yommuu nu uume akka isa waaqeeffanuufi akka isaaf jiraannuuf malee waaqa tolfamaatti akka of laannuuf miti. Qalbii Keenya geddarannee waaqa tolfamaa jireenya keenya keesaa baasuudhaan Waaqayyof buluu dhaa yoo baanne dhumni keenya maal akka ta'e sagaleen Waaqayyoo akkana jedhee nutti dubbata. "Qoodi warra lugnootaa warra amantii hin qabnee, warra ciiga'amoo, warra gumaa, warra halalee, warra qoricha namatti godhanii, warra waaqayyolii tolfaman waaqessanii, warra sobduu hundumaas garuu, kuufama ibdii fi dhagaan boba'u keessaa balalchu in ta'a; innis du'a lammafaa dha." (Mul'ata Yohannis 21:8).

     Waaqayyoon in beekna, dubbii Waaqayyos baranneerra otuu jedhanii, qoricha walitti gochuudhaan, walitti qaara'udhan kan wal balleessan biyya keenya keessa akka jiran hundumti keenya beekna. Biyya keenya irratti abaarsa barabaraa kan fidu wanta akkasiti. Namoonni waan akkanaatiin qabaman hundumtuu yada issanii geddaratanii deebi'uutu isaaniif ta'a.

     Namoonni baayeen qalbii diddiiratani deebi'uudhaan Waaqayyotti of kennan akka turan macaafni Qulqulluun in dubbata. "Warra amanan keessaas baay'een dhufanii, cubbuu isaanii mul'inatti himatanii, waan hojjechaa turan beeksisan. Isaan keessaas warri qoricha namatti gochaa turan macaafota ittiin hojjechaa turan walitti guuranii, fuula hunduma isanni duratti guban; gatiin macaafota sanaa hamma meetii kuma digdamii shaniitti shallagame." (Hojii Ergamootaa 19 :18-19)

     Waaqayyo araara qabeessaafi arjaa waan ta'eef, warra abboomii isaa cabsan hundumaa jaalalaafi araaraan simata. Yesuus kristoos foon kenya uffatee biyya lafaa irra yommuu ture warra seexanaan qabaman birmaduu baasaa akka ture dubbii Waaqayyoo irra jira. "Waaqayyo, Yesuus nama Naazireet kana Hafuura Qulqulluudhaan dibee humnaan akka isa guute, inni naanna'ee hojii gaarii akka hojjete, seexanaan kan cunqurfaman akka fayyise, Waaqayyo isaa wajjin akka tures beekamaa dha." (Hojii Ergamootaa 10:38).

     Ammas gooftaan kun hidhaa seexanaa keessa warra jirtan hundumaa hidhaa kana keessaa isin baasuuf kan qophaa'ee dha. Kanaafis waan isin irraa eegamu immoo jira.

HIDHAA HAFUURA XURAA'AA ANATTI JIRU KANATTII AKKAMITTAN HIIKAMUU DANDA'AA?

     Hidhaa keesssa nama baasuu kan danda'u Gooftaa gooftotaa fi Mootii moototaa isa ta'e yesuus kristoos duwaadha. Gooftaa kana garaa guutuudhaan kan waammatu hundinuu hidhaa hundumaattii akka hiikamu dubbiin Waaqayyo in dubbata (Roomaa 10:13). Dabalees jilbi hundinuu akka isaaf jilbeenfatu in dubbata (Filiphisiiyus 2:10). Isinis jilbeenfatani "Yaa Gooftaa Yesuus, cubbuu koo naa dhiisi" jechuudhaan maqaa isaa yoo waammattan humna seexanaa isa isin irratti mo'e isin irraa kuffisa. Hiidha seexanas isin irra hiika.

     Egaa, beekaas ta'ee otuu hin beekin cubbuu amma ammaatti hojjettan hundumaa himachuudhan qalbii geddarattanii yoo deebitan Waaqayyo dhiifama isinii godha.

     Dubbiin Waaqayyoo akkana jedha "Bara wallaalumaa isaanii Waaqayyo namootatti lakkaa'uu dhiiseera. Amma garuu namni hundinuu iddoo hundumaatti yaada garaa isaa akka geddaratu abboomeera." (Hojii Ergamootaa 17:30). Birmadummaa karaa Gooftaa keenya Yesuus Kristoos duwwaa isa kennamu argachuuf fedha qabdu yoo ta'e kadhata kanaa gadi jiru garaa guutuu dhaan kadhadhaa.

KADHATA YAADA GARAA GEDDARACHUUF GODHAMU

     "Yaa Waaqayyo! akka an cubbamaa ta'e ani beeka . Cubbuu ani ijoolummaa kootii jalqabee hojjedhe hundumaa naa dhiisi. Ana fayyisuuf jettee Yesuus Kristoosiin akka naa ergite, innis cubbuu kootiif jedhee akka fannifame, dhiiga isaas akka dhangalaase nan amana. Yaa Gooftaa Yesuus, kotuu, Laphee koo lixi! balbala laphee koos siif baneera. Hidhaa jireenya koo keessa jiru hundumaa naa balleessi. Waaqayyo tolfamaatti sagadaa isan ture hundumaa naa dhiisi. Kana boodee si duwwaa nan waaqeffadha. Har'aa jalqabee fayyisaa fi Gooftaa jireenya koo godhee nan si fudhadha. Atis mucaa kee godhattee waan anaan simatteef sin galateeffadha. Ameen".

     Kadhata kana garaa guutuu dhaan kadhattaniittu taanaan, dubbii Waaqayyoo keessatti "Hamma isa simataniif immoo, ijoollee Waaqayyoo akka ta'aniif aboo isaaniif kene; isaanis warra maqaa isaatti amananii dha" (Yohannis 1:12) waan jedhuuf ammaa jalqabdanii mucaa Waaqayyoo taataniittu.

     Gudina jireenya hafuuraa keessaniif kan isin gargaaru Katabbiwwa isiniif erguu akka dandeenyuuf teessoo kanaa gadi argamuun nuu katabaa. Waan hundumaatti Waaqayyo isin haa gargaaru. Amen!

 

If you have questions/comments, we want to hear from you.  

webmaster@globalgoodnews.org

Global Good News Literature

P.O.Box 451336

Los Angeles, CA 90045

(C) Copyright 1997 Global Good News Literature

Top of Page

Hit your browser's "Back" button to return to Oromiffa page